Olka'iinsa biyyaa dhugoomsuu keessattii Naannoon keenyi qooda olaanaa qabdi. Kab.Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan

  • 30 Oct 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Biyya fakkeenya Badhaadhina Afriikaa taate ijaaruun mul’ata qabame dhugoomsuuf, dameewwan misoomaa hunda irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, olkaa’iinsa biyyaa mirkaneessuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti qoodni Naannoon keenya qabdu dachaadha jedhan.

Hojiiwwan mootummaan karoorfatee hojjechaa jiru akka milkaa’aniif, bakka jirrutti hirmaannaa hunda galeessa taasisuun, raawwii hojii keenya bu’aan madaalaa, injifannoowwan dam-daneessa roga maraan argaman waaressaa, itti gaafatamummaa seenaa qabnu xiiqiin bahachuutu nurra jiraata jedhan.

Hojiwwan bara kana karoorfannes, qixa kanaan hubannee milkaa’ina caalmaaf, baay’ina, ariitiifi qulqullina barbaadamuun Kurmaana 2ffaa kana keessatti raawwachuun injifannoo caalmaaf of qopheessuun murteessaadha ta’uu ibsan.

Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa dhiyaate Hooggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaa waliin qoratamee kallattii hojii Kurmaana 2ffaa kaa’uun goolabamee jira