Itoophiyaa dafqa waloon ijaaramte utubnee biyya badhaate dhaloota dhufu haa dhaalchifnu. Ministeera Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad
Hambaaleen seenaa Itoophiyaaf qofa osoo hin taane qabeenya waloo Afriikaanotaa yeroo ta'anitti, ummanni keenya bonaafi ganna oomishuun hirkattummaa nyaataa jalaa bahuuf, keessaahuu, qonnaan bultoonni keenya halkaniif guyyaa hojjechaa yeroo jiranitti kabajaa jirra jedhan.
Akkasumas, qabeenyi uumamaa keenya yeroo itti bahee mul'atetti, dilbiiwwan hawwata tuuriizimii qabnus yeroo itti mul'atanitti, dandeettiin itti fayyadama teeknoloojii keenyaas babal'achaafi guddachaa yeroo jirutti, Itoophiyaan madaalliiwwan hundaan Dukkana Keessaa Gara Bariitti cehaa yeroo jirtutti kabajaa kan jirru ta'uu isaa ibsuun barbaada.
Ummanni Itoophiyaa hundinuu kan eegalle xumuuruuf, kan hin jalqabne ammoo jalqabuun Itoophiyaa utubuuf tokkummaan akka hojjennuuf waamichan dabarsa.
Kanaaf, Itoophiyaa dafqa waloo ijoollee isheetiin ijaaramtee nu harka geesse utubnee biyya badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuuf xiiqiin harka walqabannee hojjechuun badhaadhina biyya keenyaa haa dhugoomsinu jechuun Muummeen Ministeraa RFDI Dr. Abiyyi Ahimad ergaa kabaja ayyaanichaa irratti dabarsaniin ibsaniiru.





