Manneen Murtii Oromiyaa ittigaafatamummaa olaanaa Heera Naannichaan kennameef qixaan hubatanii Haqa Lammiilee mirkaneessuu qabu. - Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 7ffaa Magaalaa Naqamteetti gaggeeffame irratti argamuun haasawaa taasisaniin, Manneen Murtii sadarkaan jiran ergama ijoo Heera Naannichaan kennameef beekanii tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, haqa qabeessaafi si'ataa ta'e naamusa tajaajilli abbaa seerummaa gaafatu gonfachuun kennuu qabu jedhan.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii Abbaa Simal, tajaajila manneen murtiin kennamu teeknoloojiin deeggaruun hojii tajaajila abbaa seerummaa itti quufiinsa ummataan mirkaneessuuf xiyyeeffannaan kennamaa tureera jedhan.
Hojiin haqa mirkaneessuu hirmaannaafi qooda fudhannaa ummataan kan mirkanaa'u ta'uu kan ibsan Kab. Obbo Gazaaliin, ummanni keenya tumsa irraa eegamu taasisuun qulqullina tajaajila abbaa seerummaa kennamu mirkaneessuu keessatti gahee isaa taphachuu qaba jedhan.