Ummata Sirna Gadaa Hayyummaa,Qaroominaan,Falaasamaafi Beekumsa gad fagoon tiksee dhaloota har'aan ga'e keessaa Gujii fi Booranni Adda durummaan eeramu. Kab. Aadde Sa'aadaa Abduraahman

  • 24 Dec 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Gujiin Q’ee seenaafi wiirtuu Sirna Gadaa, giddu gala Ardaa Jilaa Me’ee Bokkooti. Qe’ee aadaafi duudhaan Oromummaa itti kunuunfame, obbolummaan gochaan keessatti dhugoomedha. Warra sirnaan buluufi duudhaalee waloo waliin qooddachuun hawaasa beekamu waliin ayyaanota akkanaa kabajuun ammoo carroomuudha jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abduraahmaan.

Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti kabajaa jirru Ummata Oromoofi ummattoota obbolaaf guyyaa seena qabeessa ta’uus Kab. Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.