Ummatni Oromoo Sabaafi Sablammoota biroo waliin jaalalaafi nagaan jiraachuu sirna Gadaa irraa dhaale. Kab. Obbo Aganyawu Tashaagar
Handhuura sirna Gadaa kan taate Godina Gujii Magaalaa Bulee Horaatti Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 20ffaa kabajamuun Sabdaneessummaa cimsuufi ijaarsa aadaa dimookirasiifi sirna Federaalizimiif bu’uura ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Rippaabilika Dimookiraatawaa Federaalaawaa Itoophiyaa Kab. Obbo Aganyawu Tashaagar ibsaniiru.
Bulchiinsota Magaalotaafi Naannolee Itoophiyaatti,Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kabajamaa tureen hariiroo obbolummaa sabdaneessummaa irratti hundaa’e cimsuuf hojiiiwwan misoomaan walitti hidhuun bu’aawwan gurguddoo galmaa’aniiru kan jedhan Kab. Obbo Tashaagar ijaarsa biyyaa keessattis Shoora olaanaa qaba jedhan.
Guyyaa kana wayita kabajnu Itoophiyaan wayita maria’ataa jirtuufi Hidhi Haaromsaa yommuu itti eebbifame ta’uun ayyaanicha adda taasisa. Ummanni Oromoo aadaafi duudhaa rakkoowwan nageenyaa ittiin hiikkatu qaba, kanaanis hojiiwwan nageenyaafi misoomaa eegale tokkummaan cimsee itti fufuu akka qabus Kab. Obbo Aganyawu dhaamaniiru.





